chat

Ani musliima

Ani musliima

Ani musliima

Gis:

Ani muslima jechuun amantaan kiyya islaamaa jechuudha.Islaamummaan jecha guddaa kabajamtuu

 Nabiyyoon-nagaan isaan irra haa jiraatu- jalqaba isaani irraa hanga xumura isaaniitti walirraa ishee

 dhaalaa dhufaniidha.Jechi tuni hiikaa guddaa fi namuusa guddaa baatti;Hiikni isheetis uumaadhaaf harka

 kennuu, masakamuu fi isaan buluu jechuudha.Ammas hiikni ishee nagaa, nageenya, milkii, dhuunfaa fi

 hawaasaaf boqonnaa jechuudha.Kanaaf jecha jechoonni Al-salaami fi wol islaam jedhan shari'aa islaama

 kessatti dhufuudhaan irra hedduu jechootaa ta'an.Al-salaam jechuun maqoottan Rabbii keessaa maqaa

 tokko,Kabajan(salaamataan) muslimootaa gidduu saaniitti isheen Al-salaami,Akkasumas kabajaan warra

 jannataa (salaam) jechuudha.Muslimni dhugaa nama mislimoonni arraba isaa fi harka isaa irraa nagaa

 ta'aniidha;Islaamumman amantaa nomoota hundaaf toltuudhaan dhufe; kanaafuu inni isaanif ni bal'ata,

 akkasumas addunyaa fi aakhiraa keessatti karaa milkii isaaniti.Kanaaf jecha xumuraa, wolitti qabataa,

 bal'aa, ifa galaa fi hundaafuu banaa ta'ee dhufe, gosa tokko gosa tokko irraa adda hin baasu, akkasumas

 bifa tokko bifa tokko irraa adda hin baasu, inumaahuu dhala namaa hunda ija tokkoon

 ilaala.Islaamummaa keessatti namni tokkooyyuu adda hin ba'u likkii barsiisa isaa fudhateen

 malee.Kanaaf jecha lubbuun sirrii hundinuu isa ni fudhatti; isaatu dhugumatti uumamaan walii gala.Hundi

 ilma namaa toltuu, haqaa fi bilisummaa irratti uumamuun dhalata, akkasumas Rabbii isaa jaallataa fi

 dhugumatti nama biraa osoo hin taane isuma qofaatu gabbaramaa ibaadaa haqa godhatu akka ta'e

 raggaasisaa ta'ee uumamuun dhalata;Uumama kana irraa tokkoon namaa gara hin garagalu yoo

 garagalchaa uumama kana jijjiiruun ta'e malee.Amantii kana Uumaa, Rabbii fi gabbaramaa namootatu

 namootaaf isa jaallate.

 Amantaan koo isalaamaa dhugumatti akka ani addunyaa kana keessa jiraadhuu fi booda du'a kootitii

 gara ganda biraatti akkan godaanu na barsiisa, ganadi sun immoo ganda hafiinsaa kan ishee keessatti

 deebiin ilma namaa gara jannataa, ykn gara ibiddaatti ta'uudha.

 Amantaan koo islaamaa waanin ani itti ajajamuu qabutti na ajaja, akkasumas waanin ani irraa

 dhoorgamuu qabu irraa na dhoorga;Yoonin ajajoowwan sanaan dhaabbadhee, dhoorgaawwan sana irraa

 fagaadhe addunyaa fi aakhirattis ani nin milkaa'a,yoonin immoo ishee keessatti hanqina, ykn talisummaa

 qabaadhe haguma hanqina ykn talisummaa kootitiin addunyaa fi aakhiraa keessatti hoongoon na

 mudata,Irra guddaan waan islaamummaan itti na ajajee Rabbiin tokkichoomsuudha;Ani ragaan ba'a,

 iimaana mirkanaawaa ta'e nan amanaasi dhugumatti Allaahaan uumaa kiyyaa fi gabbaramaa kiyya akka

 ta'e;Rabbiin malee waan biroo hin gabbaru; Isa aalalaaf jecha, adabbii Isaa sodaaf jecha, sawaaba Isaa

 kajeelee Isa irratti hirkachuuf jecha.Toohidni sun Rabbiif tokkichummaan ragaa ba'uu fi Nabiyyii Isaa

 Muhamadiif ergamaa Isaa ta'uu isaanii ragaa ba'uu keessatti argama;Muhammad-nagaa fi rahmanni

 irratti haa jiraatu- xumuraa Nabiyyotaati, Rabbiin aalamaaf rahmata godhee isaan erge, nubuwwuummaa

 fi ergoowwaan isaanin xumure; kanaafuu booda isaanitii Nabiyyiin tokkolleen hin jiru.Dhugumatti amantaa

 walii galaa kan yeroo hunda, bakka hundaa fi ummata hundaaf miijjataa ta'een dhufaniiru.

 Amantaan kiyya Malaa'ikotaa fi hunda Ergamtootaatti amanutti ajaja mamii tokko hin qabne na ajaja,

 mata dureen isaanii Nuuh, Ibrahim,muusaa, Iisaaa fi Muhammadi-Nageenyi isaan irra haa jiraatu

Akkasumas kitaabbowwan samii kan Ergamtoota irratti bu'anitti amanuu fi xumura isaanii, goolabbii

 isaanii fi irra guddaa isaanii hordofutti ni ajaja, Innis Qur'aana kabajamaadha.

 Amanataan kiyya guyyaa xumuraa; kan namoonni isa keessatti hojiiwwan isaanii irratti mindaa

 galfamanitti amanutti na ajaja.Akkasumas qadaratti amanuu, toltuu fi hamtuu irraa ta'ee waan jiruu

 addunyaa tana keessatti na mudatu jaallachuu fi sababoowwan milkii qabachutti na ajaja.Qadaratti

 amanuun boqannaa, tasgabbii, obsaa fi waan darbe irratti gaabbuu dhiisuu naaf kenna;Dhugumatti

 qadaratti wanti na tuqe na bira hin dabruu, wanti na bira dabree immoo kan na tuqu hin taanee beekumsa

 mirkanaawaa ta'e waan ani beekuufi;Wanti hundinuu Rabbiin biraa qaddaramaa fi barreeffamaadha,

 kanaaf anarra kan jiru sababoota geessuu qofaa fi waan sana booda ta'u jaallachuudha.

 Islaamummaan hojiilee gaggaari fi amalota gurguddoo Rabbii kiyya jaallachiisan, kan lubbuu kiyya

 qulqulleessan, kan qalbii kiyya gammachiisan, kan qoma kiyya baldhisan, kan karaa kiyya ibsanii fi kan

 hawaasa keessatti miseensa fayyadaa ta'e na taasisan irraa waan lubbu kiyya qulqulleessutti na ajaja.

 Irra guddaan hojiilee sanii: Rabbin tokkichoomsuu, guyyaa fi halkan keessatti salaata shanan gadi

 dhaabuu, zakaa qabeenyaa kennuu, wagga keessatti ji,a takko soomuu, innis ji,a ramadaanaati, nama

 hajjii danda'eef mana kabajamaa makkaan keessatti argamu ziyaaruudha (hajjii godhuudha).

 Waan qoma baldhisu keessaa irra guddaan waan amantiin kiyya itti na qajeelchee Qur,aana haasawa

 Rabbii, irra dhugaa haasawaa, irra bareedaa haasawaa, irra guddaa haasawaa fi irra kabajamaa

 1 Islaamummaa barsiisuuf jecha barreeffamte.

beekumsa worra duraa fi boodaa wolitti qabataa ta'e dubbisuu heddummeessuudha.Dubbisuun isaa,

 yookiin dhaggeeffachuun isaa tasgabbii, boqonnaa fi milkiidha qalbii keessa seensisa, osoma dubbisaan,

 ykn dhaggeeffataan afaan arabaa kan hin beekne ta'ellee, ykn muslima ta'uu baatellee.Irra guddaa waan

 qoma namaa baldhisu keessaa: Rabbiin kadhachuu heddummeessuu, gara isaa baqachuu fi waan

 xiqqoo fi guddoo hunda isa kadhachuudha;Rabbiin nama isa waammatee fi gabbara isaaf qulqullesseef ni

 owwaata.

 Irra guddaan waan qoma namaa baldhisuu Rabbiin-injifate ol ta'e- yaadachuu (zakkaruu)

 heddummeessuudha.

 Nabiyyiin kiyya-nagaa fi rahmaani irratti haa jiraatu- gara akkaataa zikrii Rabbiitti dhugumatti na

 qajeelchaniiru, akkasumas irra caalaa waan Rabbiin ittiin zakkaramuu na barsiisaniiru.San irraa: jechoota

 afran eega Qur'aanaatii irra caalaa haasawaa ta'annidha, isaanis: (Subhaanallaah, wal hamdu lillaah, wa

 laa ilaaha illallaah, wallaahu akbar) jechuudha. hiikni isaanis: "Rabbiin qulqullaa'e, faaruun kan Rabbiti,

 haqaan gabaramaan Rabbiin malee hin jiru, Rabbiin waan hunda irra guddaadha" jechuudha.

 akkasuma (Astagfirullaah, wa laa howla walaa quwwata illaa billaah) jechuun. hiikni isaas: "Rabbirran

 araarama barbaada, mallii fi humni Rabbiin malee hin jiru" jechuudha.

 Jechoonni kunniin baldhina qomaati fi tasgabbiin qalbii keessatti bu'uu keessatti dhiibbaa ajaa'ibaati

 qabu.

 Islaamummaan sadarkaan ol fuudhamaa fi waan namummaa fi kabajaa kiyya buusu irraa fagaataa akkan

 ta'u na ajaja.Akkasumas Islaamummaan ani sammuu kiyyaa fi qaama kiyya waan ani isaaf jecha

 uumame hojii diinii fi duuniyaa kiyya keessatti na fayyadu keessatti akkan itti fayyadamu na ajaja.

 Islamummaan rahmatatti, amala gaarii qabaachutti, dalagaa toltutti, gochaa fi jechaan waanan danda'uun

 ummatatti tola oolutti na ajaja.

 Haqa uumamaa keessaa irra guddaan waan ani itti ajajamee haqa hadhaa fi abbaati; Amantiin kiyya

 isaanitti tola ooluu, toltuu isaaniif jaallachuu, isaan gammachiisuuf bololuu fi faaydaa isaaniif kennuutti na

 ajaja, keessattuu yeroo isaan dullooman;Kanaaf jecha haadhaa fi abbaa hawaasa islaamaa keessatti

 ullfinaaa fi kabajaa keessatti sadarkaa olfuudhamaa ta'e irratti agarta, akkasumas ilmaan isaaniitiin

 tajaajilamuu keessatti agarta!Haadhaa fi abbaan lakkuma umriin manguddomaniin, yookiin

 dhukkubsataniin, yookiin dadhabaniin ilmaan isaanii isaanitti tola ooluun ni dabala.Amantaan kiyya

 dubartiin dhugumatti kabajaa guddaa fi haqoowwan gurguddoo akka qabdu na barsiise;Dubartoonni

 islaamummaa kessatti obbolewwan dhiirotaati, irra caalaan namaa nama maatii isaatiif irra caalaa namaa

 ta'eedha.Dubartiin muslimaa ijoolummaa ishee keessatti haqa hodhuu, kunuunfamuu fi haqa guddisa

 ishee tolchuutu isheedhaaf jira, isheenis yeroo sanatti haadhaa fi abbaa isheetif, akkasumas obboleyyan

 isheetiif gammachuu ijaati fi firii onneeti.Yeroo guddattetti isheen ulfeeffamtuu fi kabajamtuu ittii

 gafatamaan ishee ishee irratti hinaafuu fi kunuunsa isaatiin ishee marsudha.Harki kamuu hamtuun ishee

 tuquu, arrabni tokkolleen rakkinaan ishee ishee dubbatuu fi ijji tokkolleen gantummaan ishee ilaaluu hin

 jaallatu.Yoo heerumtees heerumuun ishee jecha Rabbiitii fi waadaa Isaa kan akkaan jabaa ta'een

 ta'a.Mana abbaa warraa ishee kessatti irra kabajamtuu ollaa taateeti jiraatti.Abbaa warraa ishee irratti

 ishee kabajuun, tola itti ooluu fi cinqii irraa deebisuun dirqama ta'a.

 Yeroo haadha ilmaani taate tola ishetti ooluun haqa Rabbii-ol ta'e- tiin walitti qindaawaadha, ishetti

 jallachuunii fi ishetti balleessuun Rabbiitti sharrakuu fi dachii keessatti badii hojjachuudhaan walitti

 qindaawaadha.

 Yoo obboleettii taate immoo isheen ishee muslimni ishee maxxanfachuutti, ishee kabajuu fi ishee irratti

 hinaafuutti ajajameedha.Yoo haboo taate immoo isheen tola itti ooluu fi maxxanfachuu keessatti sadarkaa

 haadhaatti jirti.

 Yoo akkayoo taate, ykn umriin nama guddaa yoo taate gatiin ishee ilmaan ishee, ilmaan ilmaan ishee fi

 firoota ishee mara biratti ni dabala; ajajni ishee kan deebifaamu hin ta'u, yaadni ishees hin tuffatamu.

 Yoo nama irraa fagoo taatee firummaan, ykn ollummaan kan isheetti hin dhihaanne ta'e cinqii irraa

 deebisuu, ija irraa gadi qabchuu fi kan kana fakkaatu keessatti haqa islaamummaa kan walii gaalaa qaba.

 Hawaasowwan muslimootaa dirqamoowwan kana eegumsa dhugaa eeguu hin dhiifne, kun immoo

 dubartiif gatii fi bakka hawaasowwan muslima hin tahin biratti isheedhaaf hin argamne taasiseef.

 Eegasii dhugumatti dubartiif islaamummaa keessatti haqa qabeenya horachuu, kireeffachuu, gurguruu,

 bituu fi hunda waan walii galteen hojjetamuu ni qabdi, akkasumas haqa baratuu, barsiisuu fi waan amantii

 ishee hin faallessine hojjechuu ni qabdi.Inumaayyuu dhugumatti barumsa irraa waan tokko tokkoon nama

 hunda irratti dirqama ta'u, kan namni isa dhiise dhiiras ta'ee dubartiis yakkamaa tu'uutu jira.

 Inumaayyuu dhugumatti isheedhaaf waan dhiiraaf jiruutu jira, waan dhiiraan alatti ittiin adda baatu malee,

 ykn waan dhiironni dubartiin alatti ittiin adda ba'an malee, sunis haqoowwanii fi murteewwan isaan

 lachuuf (dhiiraa fi dubartiif) akkaataa inni bakka isatti adda baafamee jirutti maluudha.

Amantaan kiyya obboleewwan kiyya, obboleettiwwan tiyya, abbeerowwan kiyya, adaadowwan tiyya,

 eessumman kiyya, haboowwanii fi hunda firoottan kiyyaa jaallchuutti na ajaja, akkasumas haqa haadha

 manaa kiyyaa, ilmaanii fi olloowwan kiyyaa bahachuutti na ajaja.

 Amantaan kiyya beekumsatti na ajaja, akkasumas hunda waan sammuu kiyya, haalaa fi yaada kiyya

 dagaagsuutti na kakaasa.

 Akkasumas saalfiitti, obsatti, arjummaatti, gootummaatti, ogeessummaatti, ulfinatti, amaanaatti, uf gadi

 qabuutti, waan hin taane irraa tiffamuutti, qulqullinatti, beellama guutuutti, ilma namaatiif toltuu

 jaallachuutti, rizqii barbaaddachuuf carraaqqachuutti, miskiinotaaf rifachuutti, dhibamaa gaafachuutti,

 waadaa bakkaan gahuutti, haasaa toluutti, fuula ifaan namootaan wal qunnamuuttii fi waanan danda'uun

 isaan gammachiisuuf bololuutti na ajaje.

 Faallaa sanaatiin immmoo Amantaan kiyya wallaala irraa na baqachiisa, kufurii irraa, ilhaada irraa, badii

 irraa, waan fokkataa irraa, sagaagalummaa irraa, uumama faallessuun dhiirri dhiiratti dhalaan dhalaatti

 fedhii baafachuu irraa, boona irraa, waanyoo irraa, jibbaa irraa, yaada hamaa irraa, faalkaa laallachuu

 irraa, gadda irraa, kijiba irraa, abdii kutuu irraa, doqnummaa irraa, taati'oo irraa, luynummaa irraa, hojii

 dhiisani taa,uu irraa, dallanuu irraa, miira keessa galuu irraa, gowwummaa irraa, namatti balleessuu irraa,

 faaydaan maletti haasaya baayyichisuu irraa, iccitii facaasuu irraa, ganuu irraa, beellama diiguu irraa,

 haadhaa fi abbaatti jallachuu irraa, fira kutuu irraa, ijoolleef dantaa dhabuu irraa, ollaa fi akka walii galaatti

 uumama miidhuu irraa na dhoorgeera.

 Akkasumas islaamummaan waan nama macheessu dhuguu irraa, waan sammuu namaa hadoochaa

 fudhachuu irraa, qabeenyaan qumaaruu irraa, hanna irraa, nama gowwomsuu irraa, nama sodaachisuu

 irraa, nama basaasuu irraa fi hamtuu namaa hordofuu irraa na dhoorga.

 Amantaan kiyya islaamaa qabeenya tiksa, sana keessa immoo nageenyaa fi tasgabbiii facaasuutu jira;

 kanaaf jecha amaanaatti nama kakaasee, warra amaanaa jebeessu faarsee, jireenya bareedaadhaa fi

 jannata seenuu isaaniif waadaa gale, hanna immoo haraama godhee, nama hatu duniyaa fi aakhiratti

 adabbiin sodaachise.

 Amantaan kiyya lubbuu namaa ni tiksa, kanaaf jecha haqaan maletti lubbuu takka ajjeesuu fi namoota

 irratti gosa kamiinuu daangaa darbuu osoma jechaanillee ta'ee haraama godhe.

 Inumaayyuu namni tokko lubbu ofirratti daangaa darbuu dhoorgaa godhe; ilma namaatiif sammuu isaa

 balleessuu, ykn fayyaa isaa dhabamsiiisuu, ykn lubbuu isaa ajjeesuu hin eeyyamneef.

 Amanataan kiyya bilisummaa of naa qaba, garuu tooratti ishee galcha;Ilmi namaa islaamummaa keessatti

 yaada keessatti, gurgurtaa keessatti, bittaa keessatti, daldala keessattii fi sochiii isaa keessatti bilisa,

 akkasumas babbareedduu jireenyaa nyaata, ykn dhugaatii, ykn uffannaa, ykn waan dhaggeeffatamuun

 qanani'uu keessatti bilisa, hanga haraama miidhaan isatti, ykn nama biraatti deebi'u hin hojjetinitti.

 Amantaan kiyya bilisummaatti namuusa godha; eenyuunuu nama biraa irratti daangaa akka darbu hin

 eeyyamu, akkasumas qanani'uu isaa keessatti haraama qabeenya isaa, gammachuu isaati fi namummaa

 isaa dhabamsiistutti bobba'uu hin eeyyamu.

 Gara warra waan hunda keessatti lubbuu isaaniitiif bilisummaa gadi dhiisanii, fedhiiwwan adda addaa

 irraa waan isheen feetu hunda dhoorgaan diinii, ykn aqlii isaan deebisuun maletti isheedhaaf kennanii

 osoo ilaaltee silaa dhugumatti isaan irra gadi aantii sadarkaa hongoo fi dhiphinaa akka jiraataa jiran

 agarta, gariin isaanii of dhabmsiisuu akka barbaadan agarta; yaaddoo irraa of baraaruuf jecha.

 Amantaan kiyya nyaata, dhugaatii, hirribaa fi nama haasofsiisuu keessatti irra ol aanaa namuusaa na

 barsiisa.

 Amantaan kiyya gurgurtaa, bittaa fi haqoowwan ofii barbaaduu keessatti laaffisuudha na barsiisa.Ammas

 warra amantaa keessatti na faallessu waliin dhiifama akka waliif goonu; akkan isaan hin miine,

 isaanittillee akkan hin balleessine, inumaayyuu tola akkan isaaniiif ooluu fi kheyriin isaan qaqqabuu akkan

 hawwuu amantaan kiyya na barsiisa.Seenaan muslimootaa warra isaaniin wal faallessaniin waliin irra

 waliif darbuu ummanni isaaniin duraa takkalleen hin beekin akka irra waliif daraban ragaa isaaniif

 baha.Dhugumatti muslimoonni ummatoota amantaa garagaraa waliin jiraataniiru, hooggansa

 muslimootaa jalas galniiru; muslimoonni hundaan waliin irra gaarii waliin hojjechuu ilmaan namaa giddutti

 ta'u irratti turan.Walumaa galatti dhugamatti amataan kiyya islamummaan naamusa gaggaarii irraa, haala

 gaariin namaan waliin jiraachuu irraa, kabajaa fi amala garii qabachuu irraa waan jireenyi kiyya isaan

 qulqullaa'u fi gammachuun kiyya isaan guutamu na barsiise.Waan jireenya kiyya booressuu fi haala

 hawaasummaa, ykn lubbuu, ykn sammuu, ykn qabeenya, ykn ulfina, ykn naamusa miidhu hunda irraa na

 dhoorgeera.Hanguman barsiisa sana fudheen gammachuun kiyya guddata.Hanguman ishee dhiisee fi

 waa tokkoo ishee irraa ta'e keessatti talisoomeni hanguman barsiisa sana irraa hirdhiseen gammachuun

 kiyyas hirdhata.

Wanni darbe ani tiffamaa hin dogongorre, hin talisoomu jechuu miti, amantaan kiyya haala kiyya

 namummaa fi dadhabbii kiyya yeroo garii ilaalcha keessa naaf galcha, dogongorri, hirdhinni, waajiba

 dhiisuun narraa ni argama; kanaaf jecha balbala towbaa, araarama barbaaduu fi gara isaa deebi'uu naaf

 bane; towbaan faana hirdhina kiyyaa ni haqxi, sadarkaa kiyya Rabbiin biratti olfuuti.

 Hundi barsiisa amantii islaamaa aqiidaa, amala, namuusaa fi waliin hojjechuu maddi isaa qur,aana

 kabajamaa fi sunnaa qulqulluudha.

 Xumura irratti jala sararee mamii tokko malee nan jedha: namni kamuu adduunyaa keessaa bakka

 kamittuu osoo dhugummaa amantaa islaamaa ija haqaa fi bilisaatiin irra gahee argee isa fudhachuu

 malee filannoo biraa hin qabu, garuu rakkinni dhugumatti amantaan islaamaa himannaawwan sobaatu,

 ykn hojiiwwan garii warra isatti of hirkisanii kanneen isa hin qabanneetu maqaa isaa balleesse.

 Tokkoon namaa osoo maalummaa isaa akka inni jirutti, ykn haalawwan warra dhugaan isaan

 dhaabbatanii osoo ilaalee silaa isa qeebaluu fi isatti seenuu irraa booda hin deebi'u.Dhugumatti

 islaamummaan gara gammachuu ilma namaatti, gara nageenyaa fi tasgabbii buusuutti, akkasumas

 haqaa fi tola ooltummaa facaasuutti akka waamutu ifa isaaf ta'a.Jallinoonni garii nama islaamummaati of

 hirkisuu immoo-xiqqaatus heddummaatus- haala kamiinuu amantaa irratti lakkaa'amuun isaa, ykn isaan

 xureeffamuun gonkumaa hin ta'u, inumaayyuu inni ishee irraa qulqulluudha.Itti gaafatamummaan jallinaa

 warruma jallate mataa isaanitti deebiti; sababni isaas islaamummaan sanatti isaan hin ajajne;

 inumaayyuu waan inni ittiin dhufe irraa jallatuu isaan dhorgee jira.Ergasii dhugumatti haqummaan haala

 warra dhugaan amantiin dhaabbatanii, kanneen ajajoowwan isaatii fi murtoowwan isaa lubbuu ofiitiifi kan

 biraa irratti hojii irra oolchanuu keessa ilaaluudha murteessa; dhugumatti inni sun diinii kanaa fi warra isa

 hordofuuf guddisaa fi kabajaadha qalbiitti guuta.Islaamumman qajeelfamaa fi sirreeffama irraa xiqqaa fi

 guddaas irratti kakaasu malee hin dhiifne, waan fokkataa immoo, ykn badaa kamuu isa irraa

 sodaachisee, karaa isaa irraa deebisu malee hin dhiifne.

 Sanaan warri dubbii isaa guddisan, mallattoowwan isaa gadi dhaaban irra gammadaa namaa ta'an,

 akkasumas namuusa lubbuuti fi babbareedoo haalaa irrattii fi haalowwan gaggaarii irratti ishee leenjisuu

 keessatti irra ol fuudhamaa sadarkaa keessatti ta'an, dhihoo fi fagoon, akkasumas deeggaraa fi mormaan

 waan sana ragaa isaaniif baha.

 Haala muslimoota amantii isaanii keessatti dantaa hin qabnee, kanneen karaa isaa kan sirrii ta'e irraa

 garagalan ilaaluun qofti immoo haqa irraa wahuma tokkollee keessatti hin taane, inumaayyuu innumti

 mataan isaatuu miidhaadha.

 Xumura irratti isheen tun waamicha nama muslima hin tahin hundaafi, akka islaamummaa beekuu fi isatti

 seenuu irratti bololaniif.

 Nama islaamummaatti seenuu barbaadu irra wanti barbaadamu dhugaan gabbaramaan Rabbiin malee

 akka hin jirree fi Muhammad-nagaa fi rahmnni irratti haa jiraatu- ergamaa Rabbii ta'uu isaanii ragaa

 bahuu malee homaa isa irra hin jiru.Akkasumas amanataa irraa waan isaan waan Rabbiin isa irratti

 dirqama godhe ittiin dirqama ba'atu ni barata.Hanguma barachuu fi hojjachuu dabaluun gammachuun

 isaa dabaltee, sadrkaan isaa Rabbii isaa biratti ol ta'a.